Naannoo Amaaraa Godinaa Walloo Kaabaa Keessatti Lolli Haraan Taasisamuu Jiraattonni Dubbatan  

  • VOA

FAAYILII - Miseensota milishaa naannoo Amaaraa, Gondar, Sadaasa 8, 2020.

Haalli nageenyaa naannoo Amaaraa tasgabbii keessaa seenuun isaa baldhinaan erga ibsamuu jalqabaee torban lamman darbanii as yeroo jalqabatiif, godina walloo kaabaa naannoo magaalaa Qobbootti umnoottan mootummaa fi hidhattoota Faannoo jedhamanii beekaman giduutti lolli taasifamuu isaa jiraattonni sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Jiraataa magaalaa Qobboo fi hojjataa mootummaa akka ta’an kan himan nammi maqaan isaanii akka dhahamuu hin barbaanne akka ibsanitti, dhukaasi meeshaalee waraanaa gurguddaa kamisaa kaleesaa barii irraa kaasee amma halkan walakkaatti gara sa’aatii 18 fi dhagahamaa ture.

Dhukaasichii kan taasifamaa turee umnoottan mootummaafi garee Faannoo giduutti akka ta’e kan himan jiraataan magaala qobboo biraa bakka lolichii itti taasifamaa ture, baadiyaa keessaa odeeffannoo argachuun rakkisaa akka ta’e ibsuudhaan lola Kanaan libuu namaatiif qabeenya irratti miidhaan gahuu akka danda’u ibsaniiru.

Lola kana ilaalchisee haanga’ota godina walloo kaabaa fi bulchiinsa magaala Qobboo irraa ibsaa argachuuf yaaliin taasifame akka hin milkoofne, mootummaa feederaalaa fi kan naannoo Amaraa lola kana ilaalchisuun amma ammaa ti ibsii kennan akka hin jirre kan ibsee gabaasni Masfin Arraagee, mannii maree buchiinsa naannoo Amaaraa walgahii Hagyyaa 20 bara 2015 ( ALI) taasisee irratti ibsaa kenneen, naanichii balaa gareen hidhatootaa geesisuuf yaalan irraa dandamatee gara nageenyaa isaa duraatti deebi’aa akka jiru himuu isaa yaadachiseera.