Lammileen Yunaayitid Isteets waggootan dheeraadhaaf Iraan keessatti hidhamanii turan, waliigaltee irraa gahameen gadi lakkisamanii Qibxataa har’aa Yunaayitid Isteetsin seenanii jiru. Akkaataa waliigaltee kanaatiin mootummaan Iraan lammilee Yunaayitid Isteets hidhee turee gadi lakkisuudhaaf, qabeenyaa ykn maalaqa isaa akka hin sochoonee mootummaa Yunaayitid Isteetin biyyaa biratti Uguramee ture Doolaarri biiliyooniin Jaha akka gadii lakiisamuuf gaafiin dhiheesse erga mootummaa Joo Baayideniin fudhatama argatee booda.
Waliigaalteen bulchiisinni prezidaant Baayiden Mootummaa Iraanii wajjin taasise kun, maatiwwan hidhamtootaa irraa galataa argamsiissus, Paarti Rippaabilikootaa bakka bu’uudhaan warren Perezidaantumaa dhaaf dorgomuuf of qophesaa jiran, akkasumas mormitoonii biroo, waliigaltee jijjiraa maallaqaa biyyaa akka diinaa Amerikaatti ilaalamtuu Iraanii wajjin taasifame kana irratti gammachuu akka hin qabnee ibsanii jiru. Mormaniis jiru.
Haaluma walqabateen, dubbii himaan ministirii dhimma alaa mootummaa Iraan Naasiir Kanaanii lammiileen Iraan lamma Yunaayitid Isteetsin hidhamanii jiraan akka Yunaayitid Isteets keessaa turan kan himan yemuu ta’u, maddi oduu Nuur jedhamee beekamuu fi dhaabata tikaa mootumaa Iraan wajjin hidhatta akka qabu kan shakkamuu hidhamtoonni lammii Iraan lamman yeroo ammaa biyyaa kaataar magaala Dohaa keessa akka jiraanifi waliigaltee waljijjiraa hidhamtootaa keessa akka jiran ibsuun isaa gabaasameera.