Ragaan Yuniversitii Boosten kan “Global China Initiative” jedhu akka mul’isutti liqaan Chaayinaan Afriikaa dhaaf kennitu kurna lama keessatti akkaan gad cabuu isaa beeksisee jira. Kunis kan Beejiing kurna tokkoof caasaa ardittii keessaaf kennaa turte irraa fagaachuu ishee mul’isa. Liqaan kun gad cabuun, ennaa biyyootiin Afriikaa hedduun rakkoo liqaaa waliin qabsaa’aa jiranitti. Dinagdeen Chaayinaa ofii isaa iyyuu danqaan isa mudatee jira. Afriikaan daandii gurguddaa ijaaruuf kaka’umsa jiru ilaalchisee qiyyaafata prezidaant Xi Jinping taatee turteetti.
Tilmaamni galmee Yuniversitii Bosten kan liqaa Chaayinaan Afriikaaf kennitu irraa argame akka mul’isutti, warreen Chaayinaa bara 2000 hanga 2022tti Afriikaa dhaaf doolaara biliyoona $170 liqeessaniiru. Garuu bara 2016 liqaan kennamu kun akkaan gad cabee jira.
Waggaa darbe liqiiwwan sagaliif walumaa gala doolaara miliyoona $994 kennamuuf walii galame erga bara 2004 as isa gad aanaa dha. Mootummoonni Afrikaa pirojektoota liqii fi bu’uuraalee misoomaa Chaayinaa baay’inaan simataniiru.
Garuu qeeqxonni biyyoota gama dhihaa, Beejiing saboota hiyyeeyyii liqaa itti fufiinsa hin qabne keessa seensiste jechuun qeeqan.
Zaambiyaan kan Chaayinaa irraa maallaqa guddaa liqeeffattu yoo taatu, dhuma bara 2020 yeroo rakkoo fayyaa addunyaa mudate keessatti biyya Afrikaa jalqabaa liqaa of irraa baasuu dadhabde taatee jirti.Gaanaa, Keeniyaa fi Itoophiyaa dabalatee mootummoonni biroos rakkachaa jiru. Chaayinaan ammoo biyya keessatti rakkoo mataa isheetu ishee mudachaa jira.
Industirii qabeenya murteessaa ta’e, sharafni maallaqaa dadhabaa jiruu fi fedhii addunyaa meeshaalee oomishamaniif qabu yaaddessaa ta’e keessatti warri imaammata baasan guddina jiru deebisanii dammaqsuuf rakkachaa jiru. Haa ta’u malee, liqiin hir’achuun isaa hirmaannaan Chaayinaa Afrikaa keessatti qabdu xumura jechuu miti.