Godina Shawaa Bahaa Keessatti Haleellaan Raawwatameen Lubbuun Namaa Darbuun Ibsame

Your browser doesn’t support HTML5

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee ganda Xuxxuuxii bakka Qorkee jedhamutti dilbata darbe haleellaa humnoota finxaaleyyii faannootiin baname hordofee lubbuun namootaa darbuu jiraattonni VOA’tti himanii jiran. Hidhattoonni kun karaa sadii dilbata darbe kana haleellaa kana banuu kan himan jiraattonni magaalaan Awraa Godaanaa jedhamtu kan Kanaan dura daangaa darbanii naannoo Amaaraati jechuun hundeessanis giddu gala walitti bu’iinsa kanaa akka turte dubbatanii jiran.

Gama biraan jiraattonni magaalaa Abraa Godaanaa haleellaan humnoota nageenyaa Oromiyaan dhaqqabuu himatan. Angawaan Bulchiinsa Shawaa Kaabaa haleellaa kanaaf humnoota nageenyaa kan himatan yoo ta’an Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Obbo Aabbaabbu Waaqoo, dilbata humnootni finxaaleyyii faannoo jedhan Aanaa Fantaallee Ganda Xuxxuuxiitti haleellaa jiraattotaa fi humnoota mootummaarratti banuu hordofee hojiin seera kabajchiisuu naannochatti gaggeeffamuu himanii jiran jechuu dhaan Galmoo Daawit gabaaseera.