Bulchiina Naannoo Amaaraa Hanga Tokko Keessatti Tajaajiilli Bilbiaa Cituu Jiraattonni Ibsaniiru

  • VOA

FAAYILII Magaala Baahir Daar, Sadaasa 06, 2020.

Walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi garee hidhattoota Fannoo gidduutti adeemsifamaa jiruun amma, bulchiinsa naannoo Amaaraa godina Wolloo Kaabaa fi Kibbaa aanaalee hedduu keessatti utajaajiillee Bilbiilaa guutummaatti cufamuu namoota ijaan argan Sagalee Ameerikaaf himanii jiru.

Oduu gabaastoonni Sagalee Ameerikaa Kan biyyoota Gaanfa Afrikaa Gabaasaan akkasuma, bilbilli jiraattota naannoo adda addaa kan zoonii lamaan keessa jiraniif, kaleessa galgala irraa eegalee bilbilanii argachuu akka hin dandeenye mirkaneessaniiru.

Naannoleen kunneen goodiina Wolloo Kaabaa magaalota Qoboo fi Gaasheenaa akkasumas goodiina Wolloo Kibbaa magaalaa Wucaalee fi Wegelxenaa of keessaa qaba. Adoolessa 19 irraa eegalee godiina Gojaam Bahaa fi Dhihaa bakka hedduuttis tajaajilli bilbilaa addaan citee jira.

Hagayya 3, bara 2023 irraa eegalee naannichatti tajaajilli intarneetii bilbiila harkaa ykn moobaayilaa argachuunis addaan citee jira jechuun Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.