Daawwachiistonni Tuurizimiirratti bobba’anii jiran ammas biyyattiin daawwannaarraa waan isheef malu argachuuf nageenyaa fi baballina bu’uuralee misoomaarratti hojjetuu qabdi jedhan. Keessumaa gama Lixa Oromiyaatti bakkeewwan daawwatamuu malan sababa rakkoo nageenyaa daawwatamaa waan hin jirreef daawwattootarraa galiin argamuu male hafuu kan dubbatan yoo ta’an, mootummaan nageenya waaressuu akkasumas sadarkaa bu’uraalee misoomaas ol kaasuu qaba jedhanii jiran.
Naannoo Affaarittis sababa lola Tigraayiin rakkoo nageenyaa uumameen lakkoofsi daawwattootaa gad bu’uu Obbo Abdu Ahmed, angawaan Biiroo Aadaa fi tuurizimii Affaar dubbatanii, walii galtee Piritooriyaa booda garuu haalli jiru fooyya’aa ta’uu ibsan.
Koomishiniin Tuurizimii Oromiyaa sagantaa Torbee Tuurizimii Oromiyaa sadaffaa Finfinneetti jalqabsiise irratti, sagantaa kanaan qabeenya Tuurizimii beeksisaa jiraachuu Koomishinii Tuurizimii Oromiyaatti Itti Aanaa Koomishinerii kan ta’an Neggaa Wedaajoo dubbataniiru. Nageenya ilaalchisee Obbo Naggaan haalli Oromiyaa keessa jiru jijjiirama qabaatus gabaasi saba himaalee madaalawaa ta’uu dhabuun ammas Tuurizimii kan miidhu ta’uu dubbataniiru jechuu dhaan Galmoo Daawit gabaaseera.