Dilbata kaleessaa Maraatooniin Barliin-tti dorgomamee ture irratti atleetiin lammii Itiyoopiyaa Tigist Asaffaa rikoordii addunyaa cabsuun injifannoo ishee mirkaneessiteetti.
Gama biraan, Yeroo lama shaampiyoonaa Olompikii kan ta’e Eliyuud Kip-choogee, dorgommii Maaraatoonii Berliin kana yeroo 5ffaaf walitti aansuun injifachuu isaatiin atleetii jalqabaa ta’ee jira.
Fiigicha booda rikoordii addunyaa kan qabatte Tigist, dorgommii maaraatoonii isa jalqabaa irratti 3ffaa kan ba’e Taaddasaa akkasumas leenjisaa isaanii VOAn dubbiseera.
Eebbisaa Naggasaa Berliinitti argamuun gabaaseera