Naannoon Oromiyaa Paarkilee Haarawaa 24 Hundeessuu Beeksise

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoon Oromiyaa Hagayya bara 2015 darbe paarkilee biyyaalessaa haarawa 24 ta’an hundeessee jira. Obbo Mohaammednuur Jamaal Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaatti hoogganaan misooma bineensa bosonaa, paarkiiwwan fi Ikoo Tuurizimii, hundeeffamni paarkilee kun gulantaa barbaachisu kan guute ta’uu, egeris guddina tuurizimii fi eegumsa naannoo cimsuufi ta’uu himan.

Kanneen keessaa tokko Bosona Subbaa naannoo Sabbataatti argamu yoo ta’u, jiraattonni fi daawwachiistonni, bosonni Suubbaa paarkii haarawaa ta’uun hundaawuunsaa rakkoo hanqina bu’ura misooma paarkichaa nuu furuu mala jechuun abdii qaban dubbataniiru, Galmoo Daawit, Sabbatarraa gabaasa dabalataa qaba.