Ripaablikaanonni Filannoof Dorgoman Bor Falmii Marsaa Lammaffaa Gaggeessuuf Jiru

  • VOA

Election 2024 Republicans Debate

Rippabilikaanonni torba kannen filannoo pirezidaantii Yunaaytid Isteetis kan bara dhufu irratti, kaadhimamaa paartii isaanii ta’uuf dorgoman, falmii isaanii isa marsaa lammaffaa irratti, Robii borii wal morkachuuf jiru.

Sagantaan mana kitaabaa ykn Laaybirarii Pirezidaantii duraanii Roonaald Reegan isa Kaalifoorniyaa keessa jiruutti gaggeeffamu kun, dorgommii Rippabilikaanota irratti dorgomaa dursaa jiran pirezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp hin dhiyeessu.

Waltajjii inni lammaffaan kun, baay’inaan kan falmii Rippabilikaanotaa jalqabaa ji’a darbe Wiskaansan keessatti gaggeeffame kan Tiraamp irratti hin argamnee sna waliin waan baayyeen wal fakkaata.

Garu jijjiramnii tokkittiin jiru, bulchaan Arkansaa duraanii Isaa Haachansan kan ulaagaa koree Biyyooleessaa kan Riipaablikaanootan dhiyaate guutuu dadhabaniitu irratti hin argamiin hafa.

Rippabilikaanonni filannoo pirezidaantii Sadaasa bara 2024 dura, kora ji’a Aooleessa keessa gaggeeffamu irratti kaadhimamaa paartii isaanii sirnaan filatu.

Tiraamp falmii kana irratti hirmaachuu mannaa, Robii borii dhaabbata dhiyeessii meeshaalee konkolaataa isa Michiigaan keessa jiruutti dubbachuuf beellama qabu.