Bulchiinsi Yeroo kan naannoo Tigiraay akka walii galtee Piriitooriyatti mariin siyaasaa mootummaa Federaalaa waliin akka taasifamuuf waamicha dhiyyeesse. Dubbi himaan bulchiinsa mootummaa Yeroo naannoo Tigiraay Amaanu’eel Asaffaa Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti walii galteen Piriitooriyaa mariin siyaasaa taasifamuun garaagarummaan jiru mariin furamee gara nagaa waaraatti dhufuudha jedha.
Kunis hojiitti akka hiikamuuf Gamtaa Afiriikaaf gaaffii dhiyyeessinee deebii eeggataa jirrsa jedhaniiru. Naannoon Tigiraay rakkoo hamaa ammayyuu hin furamiin keessa jiras jedhaniiru Obbo Amaanu’eel jechuun Finfinneerraa Gabire Mikaa’eel Gabire Meedihiin.