Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Muummicha Ministeera Itiyoophiyaa Waliin Bilbilaan Dubbatan  

  • VOA

Muummicha Ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimed fi Ministira dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken (Suuraa yeroo adda adaa kaafame fi wal bira godhame)

Ministarri dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken fi muummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimed kaleessa dhimmootii rakkoo nageenyaa gaanfa Afriikaa keessaa fi galma walii kan Itiyoophiyaa ishee tokkoomte nageenya qabduu fi badhaate arguu irratti mari’atanii jiran.

Ministeerichi Bilinken haaalli naannoo AMaaraa fi Oromiyaa keessa jiru akka isaan yaaddesse ibsanii, marii siyaasaa fi mirga namaa eegsisuu dhaan furmaati karaa nagaa akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Ministriin dhimma alaa Bilinken fi muummichi ministeera Itiyoophiyaa itti dabaluu dhaan gargaarsa midhaan nyaataa deebisanii jalqabsiisuuf gargaarsa namoomaa ilaalchisee to’annaan jiru akka fooya’u ilaalchisees mari’ataniiru. Bilinken, adeemsa ce’umsa haqaa amanama fi mara hirmaachise hundeessuuf hojii hojjetamaa jiru illee gammachuun simataniiru.