Godinaa Guraagee, Mesqaan Bahaa Keessatti Walitti-Bu'insa Uumameen Yoo Xiqqaate Namoonni 7 Ajjeesaman  

  • VOA

Gurage zone

Bulchiinsa naannoo Itiyoophiyaa waaltaa, Goodiina Guraagee aanaa Masqaanii fi Maaraqoo giddutti walitti bu’iinsa uumameen namnii 6 ajjeefamuu Jiraattonni nannoo kanneen soda nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin ibsamnee gaafata RSAtti hiamanii jiru.

Walitti bu’iinsii kun ka’e Fulbaana 16 abra 2016 yoo ta’u, raayyaan ittisaan lakkoobsaan xiqqoon wlalitti bu’iinsa kan dhabsisuuf yaalaa akka turan ibsan. Angawoonni naannoo dhimmi kana irratti deebii akka kennan gaafachuuf yaaliin guyyaa sadiif ta’een bilbiila isaanii kan hin kaafne ta’u kanneen bilbila isaanii kaasaniis, bellama kennanii waan achuumaan badaniif jecha hin milkoofne .

Walitti bu’iinsii kun daran kan hammaatee baatii Hagayya bara 2015 bulchiinsa haaraa kan Itiyoophiyaa waaltaa, godiina Guraagee Bahaa hundeeffamuu isaan yoo ta’u, gaaffiin eenyummaa dhiyaataa kan ture gosa Masqaan beetee Guraagee fi gosa Maaraqoo giddutti ta’u jiraattonni RSAf ibsuu isaanii Yoonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irraa gabaasee jira.