Bulchiinsa naannoo Amaaraa Godiina Waghimraa aanaa Sehala Saaymet keessatti, baatii tokko keessatti namnii 4 beelaan du’uun ibsamee jira.
Kunis akka akkoobsa Itiyoophiyaatti bara 2015/2016 omiishnii facaafamee sababaa caamaan karaatti erga hafee booda ta’u, qondaaltonni naannoo Sanaa mirkaneessanii jiru.
Bulchaan olaanaa godiina Waaghimraa obbo Sisaay Birruu RSAf akka himanitti, guyyoota fi torbeewwan dhufan keessatti lakkoofsi kun dabaluu mala.
Dubbi himaan bulchiinsa godiina Waaghimraa Kafyaleew Debesh akka jedhanitti, beeleedaaleen kumaatamaan lakkaawamanis du’aniiru.
Komishiina Hoggansa Sodaa Balaa naannoo sanaaf, daayreektarri kutaa akeekkachiisa dursaa fi deebii kennuu obbo Birhaanuu Zawduu Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka ibsanti, walitti bu'iinsi humnoota mootummaa fi garee hidhatee Fannoo gidduutti deemaa jiru, gargaarsa lubbuu baraaruu ummata rakkateef erguuf carraaqqii taasifamaa jiru gufachiiseera jechuu isaanii Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.