Hooggantuun Dhaabbata Godaansaa Idiladdunyaa Haarawa Muudaman Imala Isaanii Gara Afrikaatti Eegalan  

  • VOA

Dubartiin jalqabaa dhaabbata godaantoota addunyaa ykn IOM hogganuuf filatamte, Emii Poop ibsa yeroo kennan, Jeenevaa, Swiizerlaand, Caamsaa 15, 2023.

Itti gaafatamtuu haaraan dhaabba godaantotaa kan Tokkummaa Mootummoota (IOM), Dilbata kaleessaa irraa eegalee imala sirnaawaa jalqabaan Afrikaa daawwachuun, godaansii ardii kana keessatti hangam dabalaa akka jiru hubachuuf jiru.

Dubartiin jalqabaa kan dhaabbata godaantoota addunyaa ykn IOM hogganuuf filatamte Emii Poop, daawwannaa kana booda, gara Biraasalsitti kan qajeelan yoo ta’u, gareen miseensota Gamtaa Awurooppaa 27 qabu kan godaantonni dhiheenya kana Xaaliyaanii dhaqqaban waliin rakkataa jiran arguuf jiru.

onkolooleessa1 aangoo kan qabee IOM hogganuuf kan muudaman lammiin Ameerikaa kun, aanga'oota Itiyoophiyaa waliin wal arguun dura, waajjira muummee Gamtaa Afrikaa Finfinnee keessa jiru ni daawwatu.Sana booda gara Keeniyaa fi Jibuutiitti imalu.

Godaansi hark 80 ol Afrikaa keessaa akka ta’e hubachuudha jechuun Poop ibsa gaazexeessitootaaf Jenevaa keessatti kennaniin hubachiisanii, xiyyeeffannaan keessumaa godaantota Awurooppaa.dhaqqabuuf yaalan irratti akka ta’e ibsan.

Akkasumas godaantotni Afrikaa baay'inaan gara biyyoota Galoo Galaanaatti akka qajeelan dubbatanii, "gabaasa baay'ee baay'ee suukaneessaa" waa'ee haala godaantotni achitti raawwataman ibsanii jiru.

"Haala sana keessatti godaantotaaf eegumsi fooyya'aa fi dhaqqabummaan tajaajila akka jiraatu gochuun barbaachisaa dha," jechuun dabalanii ibsan.