Prezidaantiin Masrii Abdel-Fattah Alsiisii Marsaa 3ffaaf Filannoo Prezidaantummaa Dhufaa Jirutti Akka Hirrmaatan Dubbatan

  • VOA

Prezidaantii Masrii Abdel-Fattah Alsiisii, Onkoloolessa 2, 2023.

Pireezidaantiin Masirii Abdel Fattaah Al siisii wiixata kaleessaa filannoo ji’a muddee dhufuurratti hirmaachuun marsaa sadaffaaf aangoorra turuu akka barbaadan mirkaneessaniiru. Paartileen mormitootaammoo namoonni nu deeggaran akka hin galmoofneef dhiibbaan irratti taasifamaa jechuun komatu.

Hoogganaan Waraanaa duraanii Alsiisiin bara 2014tti gara aangoo pireziidaantummaatti kan dhufan heera biyyaattii fooyyeessuun ammas yeroo sadaffaaf filatamee hanga bara 2030 dhufuutti aangoora turuu barbaada.

Miseensi Paarlaamaa duraanii fi mormituu Alsiisii isa cimaadha kan jedhamu Ahimed Al-Tantawi deeggartoonni isaa akka hin galmoofneef dhiibbaan irratti taasifamaa jira , kunis ta’e jedhamee mootummaatiin Siistama galmeessa filannoorratti kan taasifame jechuun komateera.

Abbaan taayitaa Filannoo Biyyaaleessaa Masirii himannaa jedhame kana akka koratu beeksiisee garuu himannaan akkasii kan bu’uura hin qabne jedheera.