Barattoota Qormaata Kutaa Kudha Lamaffaa Fudhatan Keessaa Dhibbarraa Harka Sadii Qofatu Dabre Jedhame  

  • VOA

FAAYILII - Barattoota qormaata kutaa Kudhanii fudhachaa jiran

Barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Itiyoophiyaa keessaa qormaata seensa yuunivarsiitiif kan darban harka sadii qofa ta’u, ministeerri barnootaa Wiixata kaleessaa beeksisee jira.

"Barattoota kuma 845,188 qormaata maatirikii irratti hirmaatan keessaa barattoonni 27,000 qofti yunivarsiitii seenuuf dhibbeentaa 50 argachuu danda'an" jechuun Ministira Barnootaa obbo Dr. Berhaanuu Negaa wabeeffachuun dhaabatii oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Kana jechuun qormaata kana kan darbe 100 keessaa 3.2 qofa yoo ta'u, bara barnootaa darbee wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 0.01n hanqisee jira.

Manneen barnootaa walakkaatti dhiyaatan, barataan qabxii ittiin qormaata dabran galmeesse hin qaban.

Yunivarsiitii Finfinnee keessatti Barsiistuu kan ta;an Meseret Assefa akka jedhanitti qabxii gaariin dhabamuun kun, gartokkoon ''meeshaalee barnootaa gahaa dhabuu fi mala baruu fi barsiisuu daangeffameef'' jedhan.

Qormaata kana keessatti wal irraa ilaaluu jiru to’achuuf tattaaffii taasifamaa jiru kan jajan yoo ta’u, hundee kufaatii jumlaa furuu irratti xiyyeeffannaan kenname akka hin jirre dubbatan.

Gama kaaniin, Ministeerri Barnootaa guyyaa har'aa qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa Tigraayitti kennuu eegaleera, Kunis sababa weerara KOOVIID-19 fi walitti bu'iinsa Itoophiyaa kaabaatiin kan ka’e, waggoota afuriif addaan cituu erga turee booda.

Dhaabnii daa’immanii kan Tokkummaa Mootummootaa Yuniiseef(UNICEF) akka jedhutti, Itoophiyaan bara 2021-2022tti yoo xiqqaate daa’imman biyyattii 100 keessaa 88 mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatti galmaa’uun, gara barnoota sadarkaa tokkoffaa waliigalaatti “guddina guddaa” galmeessiteetti.

''Ijoolleen baay'een mana barumsaatti kan galmaa'an ta’uus, baay'een isaanii foyya’iinsa hin agarsiisa, dhibbeentaa 33.1 qofatu mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti darba,'' jedha Yuniiseef.(UNICEF)

Daa’imman umriin 10 keessaa gara harka 90 ta’an hima salphaa dubbisuu ykn hubachuu akka hin beekne gabaasni unicef ni mul’isa.