Naannoo Amaaraa Bakka Tokko Tokkotti Tajaajilli Bilbilaa Deebi’uun Cufame

  • VOA

Naannoo Amaaraa

Naannoo Amaaraa torbanneen sadiif godinaalee tajaajilli bilbilaa addaan citee ture dhiyaa fi baha Goojjam keessaa Kibxata kaleessaa sa’a boodaa qabee tajaajilli bilbilaa waan adda citee jiruuf nageenyi firoottan isaanii beekuu kan hin dandeenye ta’uu jiraattonni ibsanii jiru.

Sagaleen Ameerikaa kan dubbise jiraattonni magaalaa Baahir Daar, Godina Goojjam bahaa fi magaalaa Debremaariqoos akkasumas godina dhiya Goojjam magaalaa Finoote Selaam, Danbacaa fi naannoo isaa keessaa kaleessa sa’a boodaa qabee tajaajilli bilbilaa kan hin hojjenne ta’uu mirkaneeffanneerra jedhan.

Walitti bu’iinsi naannoo sanatti deebi’ee ka’uu ragaa qabaachuu isaanii kan ibsan namoonni yaada kennan kun, tajaajilli bilbilaas deebi’ee kan addaan cite kanumaan wal qabatee ta’uu akka hin oolle ibsaniiru. Dhimma kana ilaalchisuun hoji geggeessituu Itiyoo Tele Koom aadde Firehiiwet Taammiruu odeeffannoo akka nuuf kennaniif bilbila harkaa fi whatsap irratti bilbillus bilbilli isaanii waan hin ka’iniif deebii isaanii dabaluu hin dandeenye.

Gama biraan naannoo Baahirdaar bakka Sebaataamit jedhamee beekamu kaleessaa qabee humnoota naga eegumsa mootummaa fi hidhattoota garee Faannoo gidduutti walitti dhukaasuun akka turee fi kanaanis namoonni du’uu kanneen ijaan argan VOAF ibsaniiru.

Dhiyeenya sadarkaa itti aanaa bulchiinsaatti itti gaafatamaa waajjira qindeessaa dhimmootii bulchiisaa, nagaa fi nageenyaa naannoo sanaa ta’uu dhaan kan muudaman obbo Dessaaleny Xaasew illee bilbilli harka isaanii waan hin kaaneef deebii gama isaanii argachuu hin dandeenye jechuun Asteer Misgaanaaw gabaasteetti.