Jiraatoonni ,oggeessonni fayyaa fi itti gafatamtoonni buufata fayyaa godinaalee Wallagga Lixaa fi Qellem Wallaggaa keessatti argaman dhibeen busaa godinaalee kanneen keessatti hammaachaa akka jiruu fi gama biraatiin immoo dhiyeessiin wal'ansaaf barbaachisu gahaa akka hin ta’iin Sagalee Ameeirkaatti himanii jiru.
Jaarmayaa mootummootaa tti biiroon gargaarsa namoomaa torban kana jalqabarraa gabaasa baaseen naannoo Oromiyaa keessatti tatamsa'inni dhibee busaa ji'a Fulbaanaa keessa daraan dabaluu ibsee jira. Dhibeen kun harka torbaatamaa ol kan miidhaa qaqqabsiise lixa Oromiyaatti godinaalee lixa Wallaggaa fi Qeellam Wallaggaatti jechuun ibseera dhaabbatichi.
Weerara dhibee busaa kana ilaalchisuun waajjira fayyaa godina lixa Wallaggaa fi Qeellam Wallaggaa akkasumas biiroo fayyaa Oromiyaa irraa deebii argachuuf carraaqqiin taasisne har'aaf hin milkoofne.