Kaayyoon Jiru Haamaasiin Dhabamsisuudha: Dhalata Itiyoophiyaa Miseensa Mana Maree Isiraa’el 

  • VOA

Miseensa Mana Maree Israa'eel, Dr. Tseggaa Feentaaw Malaakuu.

Kaayyoon tarkaanfii waraanaa Israa'eel Hamaas irratti fudhachaa jirtu, dhaabta shoroorkeessaa kan ittiin jedhan Haamaas cabsuu akkasumas, waraanni lafoo seenee Gaazaa keessaa guutuummaatti dhabamsisuuf ta'u, miseensii mana maree Israa'eel kan ta'an Dr. Tseggaa Feentaaw Malaakuu RSAf ibsanii jiru.

Kana gochaa kan jiru Iraan ta’u dubbatanii kanaaf tarkaanfii amma Israa’el Haamaas irratti fudhattu kun kanneen biroofis gara fuula duraatti Israa’el tuquu jechuun daafoon isaa hadhaa’aa fi hamaa akka ta’u hubachuu qabu jedhan. Uummanni Israa’el humnii alaa yoo dhufuu tokkummaa qaba. Kanaafis paarlaamaan, paartileen mormituu, paariin biyya bulchaa jru kan keenyatti dabalamuun tokkummaan deemaa jirra jedhan Dr Tseggaan.

Marii nageenyaa gaggeessuu kanneen butaman 130 ta’an deebisiisuu otoo hin taanee, Haamaasiin tarkaanfii waaraa irratti fudhachuun dhabamsisuu akka ta’e ibsan.

Gargaarsa iraaniin Hamaas jabaataa waan dhufeef jecha, kan amma adabamuu qabu Haamaasergamaa Iraan waan ta’eef jecha, Iraanis waan ishee eeggatu hubachuutu irra jira jechuun waahiila keenya Afaan Amaaraa Aluulaa Kabbadaaf ibsanii jiru.