Godinaa Guraagee Giddu-galeessaa Keessatti Walitti-bu'insa Uumameen Lubbuun Namaa Dabruun Gabaasame 

  • VOA

Walitti bu’iinsa Jimaata darbe irraa eegalee jiraattota magaalaa Walqixxee fi kan itti aanee jiru godina giddugaleessa Ityoophiyaa aanaa Addaa Qabeenatti gidduutti uumame hordofuun, yoo xiqqaate namoonni shan du’uu namoonni ijaan argan VOAf himaiiru.

Komaand poostiin naannoo sanatti dhaabbates miidhaa namaa fi qabeenya irra gahe mirkaneessus ibsa bal'aa hin kennine.

Wal-dhabdeen miseensota saba Guragee magaalaa Walqixxee fi ummata ollaa Qabenaa gidduutti kan eegale erga aanaan addaa Qabeenaa dhiyeenya Walqixxeen magaalaa guddoo isaa ta'uu labsee booda. Walitti bu'iinsa lubbuu namaa galaafate hordofuun Komaand Poostiin uggura sochii kaa'eera.

Walgahiin ummataa naannolee lamaan walitti aananii jiranii karaa nagaa hiikuu irratti fuuleffate magaalaa Walqixxee keessatti gaggeeffamaa jira.