Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Bliinken walgahii dippilomaasii dabalataaf Kibxata har’a ganama Ammaan galaniiru.Kunis daawwannaa pirezidaant Joo Baayiden Joordaan keessatti gaggeessan durseetu.
Baayiden Roobii borii gara Israa’el imaluun michuu Yunaaytid Isteetis kan taatee Israa’eliif deeggarsa qaban agarsiisuuf kan jiran ta’u, fi kunis wal dhabdeen Israa’el fi Hamaas gidduu kan dhiyeenya kanaa, kutaa sana keessatti, babal’achuu mala sodaan jedhu yeroo jiruutti ta’u Bliinken ibsanii jiru.
Sana booda Baayiden gara Joordaan deemuun hoggantoota Arabaa waliin akka wal argan dubbi himaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Waayit Haawus Joon Kirbii himaniiru.
Haalli gargaarsa namoomaa naannoo Gaazaa hammaataa dhufuun, ilaalchisee Blinkeen akka dubbataniitti, Amerikaa fi Israa’el gargaarsi namoomaa biyyoota arjoomtoota irraa argamu namoota nagaa Gaazaa keessa jiran bira akka ga’u gochuuf waliigaluu isaanii ibsuun,kunis siviiloonni akka hin miidhamne gochuuf iddoo qopheessuu akka dabalatu ibsan.
Lolli Onkoloolessa 7 eegale kun, lola Gaazaa shanan keessaa gama lachuutiin lubbuu namaa heedduu kan galaafate ta’eera.
Ministeerri Fayyaa Gaazaa akka beeksisetti lammiileen Falasxiin 2,778 ajjeefamanii, 9,700 ammoo madaa’aniiru.
Lammiileen Israa’el 1,400 ol kan ajjeefaman yoo ta’u, daa’imman dabalatee yoo xiqqaate 199 ammoo Hamaasiin booji’amanii gara Gaazaatti fudhatamuu isaanii Israa’el ibsiteetti.
Gama kaaniin, Juushoonni Ameerikaa dhibbaan lakkaa’aman Waayit Haawusiin alatti walitti qabamanii ummata Falasxiin tumsa qaban agarsiisanii jiru.
Pirezidaanti Baayiden dhukaasa dhaabsisuuf akka waamicha dhiyeessan gaafatanii jiru.