Haleellaa Hamaasiin Namoota Ajjeefaman Yaadachuuf Har'a Embaasii Isirraa'el Fininnee Jirutti Qophiin Tokko Geggeessame  

  • VOA

Magaala Finfinnee (Faayilii)

Haleellaa tasaa Haamaas dhaqqabsiseen namoota du’an yaadachuuf jecha Itiyoohpiyaa keessa kan jiru mooraa Embaasii Israa’el keessatti sirna gaggeeffamee irratti namoonni argaman, bissii Abaaboo ka’uudhan akkasumas Dungoo ibsuun gadda itti dhaga’ame ibsan jiru.Alaabaan biyya snaas gad hiiqee akka fanniifamuu ta’e jira.

Qophii kana irratti, bakka buutoonni minstrii dantaa alaa Itiyoohpiyaa, namoota Israa’el kannee hidda dhalata Itiyoophiyaa qabanii fi keessummonni afeeraman kan adda addaa argamanii jiru.

Ministeera haajaa alaa Itiyoophiyaa bakka bu’uun kan argaman Ambaasaaddar Isheetee Xilaahun balaa sukanneessaa dhaqqabeen gadda guddaa nutti dhaga’ameen ibsa jedhan.

Israa’eelii fi Itiyoophiyaan hidhata amantii qabu. Kanaaf jecha gaddii dhaqqabee kan hunda keenyaati jedhan. Lammiwwan Israa’el kannee hidda dhalata Itiyoophiyaaqaban, haleellaa rawwatamee kanaan duutii fi midhaan dhaqqabe guyyaa ayyaaneeffannaa Amantii ta’uun isaa daran nu gaddisiisee jedhan.

Itiyoophiyaatti, Ambaasaaddarri Israa’el Allaliiny Admaasuu qaamoota gadda kana hirmaatan hundaaf galata dhiyeessuu isaanii Keeneedii Abaata Fin finnee irraa gabaasee jira