Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Isirra'el Dhimma Israa'elii fi Hamaas Irratti Itti-Aanaa Ministara Muummee Itiyoophiyaa Waliin Mari'atan  

  • VOA

Magaala Finfinnee (Faayilii)

Imbaasiin Israa’eel kan Finfinneetti argamu Itiyoophiyaan lammilee saba Jewwishootaa waliin akka dhaabbatuuf waamicha taasise. Itiyoophiyaatti Ambaasaddara Israa’eel kan ta’an Ambaasaddar Aleeliny Admaasuu kaleessa Ministira haajaa alaa fi Itti aanaa ministira muummee Itiyoophiyaa Dammaqee Mokonniin waliin marii taasisaniin Itiyoophiyaan ifatti gochaa Hamaas akka balaaleffattu Israa’eel barbaaddi jechuun Itti aanaan Ambaasaddara Israa’eel Itiyoophiyaatti Tomeer Barlavii Sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Itiyoophiyaan kanaan dura ibsa baaste keessatti waldhabdichi karaa nagaa mootummoota biyyoota lamaaniin hiikkatu akka qabu ifoomsitee ture. Amma garuu gama Itiyoophiyaan ifatti waanti jedhameeru hin jiru jedha gabaasni Keneedii Abaatee Finfinneerraa erge.