Walti Bu'insaa Magaala Walqixxee Keessaatti Raaw'atameetti Namoonni Shakkaman Dhibba Tokkoo Ol Hidhamanii Jiru 

  • VOA

Bulchiinsa giddu gala Ityoophiyaa godina Guraagee keessatti waltii bu’insaa saba Guraagee fi Qebbenaa gidduutti raawwatee tureen walqabatee namoottan Shakkaman 123 hidhamuu isaanii bulchiinsii godina Guraagee ibsee jira.

Bakka bu’aan bulchaa godinaa Guraagee fi itti gaafatamaan dhimmaa haqa godinichaa Obbo Eliyaas Shebergaa sagalee Amerikaatti akka himanitti walti bu’insaa Onkololeessa 2 bara 2016 ( ALI) raawwatamee Kanaan Poolisii Feederaalaa tokko dabalatee namoottan 4 du’anii ,100 ol kan ta’an immoo madaa’aniiru.

Obbo Eliyaas nageenyii magaalichaa yeroo amma tasgabaa’aa jiraachuu isaa kan ibsan yemmuu ta’uu, jiraataan maggla walqixxeefi dhalataa saba guraagee kan ta’an nammi maqqan isaanii akka dhahamuu hin barbaanne tasgabiin waan umame fakkaatuus amma iyyuu magaalichaa keessaa sodaan jiraachuu isaa ibsaniiru.

Nammi dhalataa saba Qabeenaa ta’aniifi jiraataan magaalaa walqixee, qabeenyi bakka hojii isaanii manca’uu isaafi saamamuu isaa sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Waltii bu’insiichii kan umamee abbumaa Magaala walqixeetiin walqabatee ta’uu isaa fi onkoloolessa 3 bara 2016 ( ALI) ti jalqabee magaala walqixee keessaa galgala Sa’ati 11 kaasee daangaan sochii namootaa labsamuu isaa gabaasinni Yoonaatan Zebdiyoos ibsee jira.