Imaammata Qopheessuurra Yeroo Jiramuutti Deemsa Haqa Ce’umsaarratti Qeeqa Dhiyeessuun Sirri Miti, Jedhu Miniisteerri Haqaa Itiyoophiyaa  

  • VOA

Faayilii - Ministrii haqaa kan Itiyoophiyaa

Adeemsa haqa cee’umsaa irratti, walaba ta’u isaa ilaalchisee gaaffii akka qaban qaamooleen adda addaa dhiyeessaa yeroo jiran kanatti, bulchiinsa naannoo Tigraay isaan kana keessaa tokko ta’uun maqaa dhahaamaa jira.

Bulchiinsa yeroo kan Tigraayii fi itti gaafatamaan waajiira kan ta’an Obbo Amaanuu’el Asaffaa sagalee Amerikaa waliin turban kana gaaffii fi deebii gaggeessaniin, dhaabatonni yeroo ammaa biyyatti keessa jiran deemsa kana xumuursisuu keessatti, rakkoo walaba ta’anii hojjachuu qabu jedhan.

Kana malees, qophii Imaammataaf taasifamuu keessatti, bulchiinsii naannoo Tigraay hirmaataa hin jiru jedhanii jiran.

Gama hundaa irraa walaba ta’u ilaalchisee gaaffileen ka’an deebii kan argatan imaammata ba’u irraati jechuun, ministeera Haqaa kan ta’an Dr. Geediwan Ximootiwoos ibsanii, imaammata qopheessuu irratti Tigraay dabalatee bulchiinsii naannoo hundumtuu itti hirmaachuu isaanii mana maree bakka bu’oota uummataaf har’a ibsanii jiru..

Kana boodas qaamnii yaadan qaba jedhuus dhiyeessuu akka danda’uu ibsanii jiru.Waliigalteen nageenyaa kan Pritoriyaa itti gaafatamuummaan akka jiraatu gochuuf, dhugaa jiru baasuuf akkasumas, kanneen miidhaman akka deebi’anii bu’aaargatan gochuuf, deemsa haqa ce’umsaa hojii irra olchuuf mootummaan Itiyoophiyaa imaammata ce’uumsa haqaa hundumaa of keessaa qabu qopheessuu akka qabu, akkasumas, imaammatii kunis hirmaannaa qaamoota hundaa of keessaa qabaachuu akka qabu, keeyyata 10 irratti ka’amee jira.

Dr Ximootiwoos gabaasa har’a dhiyeessaniin, amanamuummaa dame haqaa guddisuuf jecha, sirnii foyyeessuu dame haqaa qophaa’uu isaa ibsanii jiru jechuun Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.