Prezidaantiin Biyya Fransaay Kibxata Har’aa Isiraa'eliin Daaw'atan

  • VOA

Prezidaantii Ferensaay Imaanu'el Makroon

Prezidaantiin biyya Fraans Imaanu’eel Maakroon haleellaa gareen Hamaas turban lamaan duraa Israa’el irratti raawwate hordofuudhaan degeresa Israa’eliif qabanu ibsuudhaaf akkasumas waa’ee eegumsa nageenyaa siviilotaa Gaazaa keessa jiranuu irratti maryachuudhaaf Israa’eliin seenani jiru.

Emaanu’eel Maakroon erga buufataa xiyyaaraa Been Guriyoon gahanii booda lammilee Israa’el warreenhida dhalootaa Firaans qabanifii haleellaa Hamaasin maatii isaanii dhabanii akkasumas, kanneen maatiin isaanii Hamaasiin qabamani jiran wajjin wal arganii “akka isin hin dagatamene mirkaneesuun barbaada” jechuudhaa itti himaniiru.

Muumicha ministeeraa Israa’el Beenjaamiin Netaniyaahuu wajjin wal arganii kan dubbatan Maakiroon, hoggantootaa biyyoottan naannoo sana Jiranfii warren biyyaa isaanii wajjin michooma qabanuu wajjins akka maryaatan waajjirri prezidaantii Fraans ibsee jira.

Erga walwaraansii Israa’elifi Hamaas jalqabamee as, Prezidaantii Yunaayitid Isteets Joo Bayideni fi muummicha ministeeraa Biriten Riishii Suunaakti anuudhaan hoggantootaa biyyaa Israa’eliin daawwatan keesaa Makroon Sadaffaadha.

Kun ituu Kanaan jiruu umnii waraana Israa’el qibxataa hara’aa Gaazaa keessatti haleellaa xiyyaaraa raawwaten bakkaawwan hoggantoonni garee Hamaas maandhefatan irratti xiyyeefachuudhaan ajajootaa garee Hamaas warren sdarkaa itti anummaa irra jiran heduu ajjeesuu isaa ibsee jira.

Haleellaa waraana lafoo Israa’el Gaazaa irratti raawachuudhaaf qophaawaa jirtu ilaalchisudhaan haanga’onni mootummaa Yunaayitid Isteets as Waashingteen Disii irraa akka ibsanitti, akkaataa Siviilonnii garee Hamaasiin qabamanii jiran gadi lakkisamuu danda’an irratti hojjachuudhaaf Israa’eel waraana lafaa akka daftee hin jalqabnee gorsaa jiraachu isaanii beeksisani jiru.

Gaazaa keessatti miidhaa qaqqabee ilaalchisee ministeerri fayyaa Paalastaayin Gaazaa irraa akka ibsetti amma ammatti namoottan kuma Shanii fi 87 du’anii, kuma 15 fi 273 immoo mada’aniiru.

Haleellaa xiyyaaraa Israa’el Gaazaa irratti raawwateen kan ka’ee manoottan kumaan lakkaawaman waan barbadaa’aniif namoottan miliyoonii tokkoo fi qabxiin Afur jireenyaa isaanii irraa buqa’uu isaani dhaabbanii gargaarsa namoomaa kan mootumoota gamtoomanii ibsuun isaa gabaasameera.