Manni maree Bulchiinsaa naannoo Sidaamaa, mirgii akka hin himatamnee isaan taasisu kan kantiibaan magaala Hawaasaa duraanii fi haanga’onni mootummaa naanicha lamma akka irraa fudhatamuu murteesse jira.
Kantiibaan Magaalaa Hawaasaa obbo Tsegaayee Tukkee mirgii himatamuu irraa isaan eeguu akka irraa ka’uu kan taasifamee waa’ee malaan maltuumaatiin walqabatee himannaa irratti dhihaateen akka ta’e ibsameeraa.
Akka maatiin isaanii sagalee Amerikaatti himanitti obbo Tsegaayeen manii maree naanichaa murtoo kan irraa gahuu isaatiin duraa erga hidhamanii torban tokko ta’eera. Mana hidhaa magaala Hawaasaa keessa kan jiran kantiibaan magaalichaa duraanii mirgaa waldhaansaa fayyaa akka hin arganne maatiin isaanii sagalee Amerikaatti dabalanii himaniiru.
Hidhamuu Katiibichaa fi haanga’ootaa biraa kanaan ji’a sadii dura hojjattoonni mootummaa magaala Hawaasaa hiriiraa bahuudhaan ummataaf tajaajilaa gaarii waan kennaa hin jereef dhiifamaa gaafachuun isaanii akka gabaasamee Yoonaatan Zebdiyoos Hawaasa irraa ibsee jira.