Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Dagam fi aanaa Warra Jaarsootti lola WBO fi qaamolee nageenyaa mootummaa gidduutti torban darbee eegalee taasisama jiruun lammiileen nagaa 12 lubbuun darbeera jechuun jiraattonni aanichaa Sagalee Ameerikaaf himaniiru.
Jiraattonni bakkeewwan wal waraansi jiranitti mootummaanis ta'e WBONn akka uummatni nagana gidduutti hin miidhamne eeggannoo gochuu qabu, jechuun kan jiraattonni komatan ilaalchisuun Biiroo bulchinsaafi nageenyaa Oromiyaa, bulchiinsa godina Shawaa Kaabaa fi waajjira bulchinsaa fi nageenyaa godina Shawaa kaabaa, aanaa Dagam fi aanaa warra Jaarsoo irraa deebii argachuuf deddebisnee carraaqneyyuu hanga har’aatti itti hin milkoone.
Dubbi himaan Idila addunyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Odaa Tarbii bakkawwan jedhaman kanaa fi Oromiyaa bakkawwan birootti hidhattoonni isaanii humnoota mootummaa wajjiin akka wal-waraanaa jiran amananii jiru.