Kan Israa'elitti Imalan Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis  Hoogganoota Biyyattii Waliin Dubbatan 

  • VOA

FAAYILII: Ministirri dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken prezidaantii Israa'el Isaaq Herzook waliin wal argan Sadaasa 3, 2023.

Erga lolli Israa’elii fi Hamaas gidduutti taasifamu jalqabee as yeroo lammafaadhaaf gara israa’elitti kan imalan ministeerii dhimmaa alaa mootummaa Yunaayitid Isteets Antoonii Biliinken, imalli isaanii inni ammaa akka Israa’el haleelaa Gaazaa irratti taasisaa jirtu qabbaneesitee gargaarsii namoomaa Gaazaa seenuu danda’u irratti dhiibbaa gochuudhaaf akka ta’e ibsameera.

Bilinkeen dhimmaa kana irratti maryachuudhaaf muummicha ministeeraa Israa’el Beenjaamiin Netaniyaahuu fi miseensotaa kaabinee mootummaa israa’el wajjin wal arganii maryachuun isaanii beekameera.

Waraanni Israa’eel jimaataa har’aa ganamaa kaasee Gaazaa marsee qabee akka jiruufi haleellaa Xiyyaaraa amma ammaatti raawwatameen namoonni Miiliyoonii 2.3 mana isaanii irraa buqa’un isaanii gabaasameera.

Akka ministirrii fayyaa Gaazaa jedhutti, amma ammatti lammileen Paalaastaayin 9000 du’anii,kumnni 32 immoo madaa’aniiru.

Karaa israa’eliin namoonni kuma Shaniif 400 madaa’anii 1400 kan ta’an immoo du’aniiru. Gara Israa’eliin namoottan du’an keessaa 19 loltootaa mootummaa ta’uun isaani ibsamee jira.

Dhaabata mootumoota gamtoomanitti gareen gargaarsa namoomaa Gaazaatti argamuu akka ibsetti, daa’owwaan namoottan jireenyaa isaanii irraa buqqa’an 20,000 ta’an itti gargaaraman Afur gaazaa keessaatti xiyyarotaa Israa’eliin rukutamanii jiru.

Dhaabanni gargaarsaa kun akka dabalee jedhetti, ergaa wal waraansichii jalqabamee as hojjattonni isaa 72 ajjeefamaniiru.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Joo Baayideen akka jedhanitti lammiilee Yunaayitid Isteets Gazaa keessatti karaa bahan dhabanii turan keessaa 74 kamisa kaleessaa Gaazaa dhaa bahanii garaa Masrti ce’uu danda’aniiru. Lammileen Yunaayitid Isteets, warren lammummaa biyyaa lammannii qabanii fi warren eeyyaamaa Yunaayitid Isteets keessaa jiraachuu qaban 1000 amma 1200 ta’n maatii isaanii wajjin akka Gaazaa keessa jiran tilmaammama.