Sarbiinsi Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Keessatti Raawwatamu Hammaachaa Deemuun Himame

  • VOA

Komiishina mirga namoomaa Itiyoophiyaa

Sarbiinsi mirga namoomaa Itiyoophiyaa keessatti Raawwatamaa jiru hammaachaa adeemuun isaa ibsameera. Sababa sarbiinsa mirga namooatin kan ke’ee Ityoophiyaa keessatti Mirgii siviilotaa fi Siyaasaa rakkina keessa galuu isaa Komishiineriin komishiinii miga namoomaa Ityophiyaa ibsanii jiru.

Komishineriin komishiinii mirga namoomaa Itiyoopiyaa Daani’eel Beqelee ibsaa kana kan kennaan sirna yaadannoo labsii mirga namoomaa Addunyaa 75faa irratti yemuu ta’u , komishineerichii itti dabaluudhaan akka ibsanitti, bara 2018 kaasee tarkaanfiwwan fooyya’isaa siyaasaa fi seeraa mu’latanus, hokkoraawwaniin walqabatee sarbiinsi mirga namoomaa ciccimoon biyyatti keessatti raawwataniiru.

Karaa bitaariin Hogganaa mana maree/kaawunsilii midiyaa Ityoophiyaa kan ta’an Obbo Amaaree Aregaawii sirna kan irratti ibsa kennaniin, gaazeexesootaa fi daabbilee miidiyaa irratti dhiibban raawwachaa jiru hamaa ta’uu isaa himaniiru.

Waldaan dhaabilee siviikii Ityoophiyaa gama isaatiin haalii mirga dhaabilee siiviik Ityoophiyaa keessa jiru babbaduu isaa akka ibsee Gebre mikaa’el Gebremedihiin gabaaseera.