Shawaa Bahaa, Aanaa Bosat Keessatti Namoota WBO Gargaartan Jedhamanii Hidhaman Keessaa Sadii Ajjeefaman, Jedhame

Your browser doesn’t support HTML5

Shawaa Bahaa, Aanaa Bosat Keessatti Namoota WBO Gargaartan Jedhamanii Hidhaman Keessaa Sadii Ajjeefaman, Jedhame

Wixata darbe humnootni nageenyaa mootummaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosat keessa qubatanii jiran namoota humnoota waraana Bilisummaa Oromoo deeggaru jedhanii shakkuun to’annaa jala oolchan keessaa sadii ajjeesan, jechuun firoottanii fi jiraattonni VOA’f himanii jiru.

Poolisiin Aanaa Bosat dhimmicha akka quba hin qabne kan hime yoo ta’u, Koomishiniin mirgoota namoomaa Itiyoophiyaa ammoo qorattoota garasitti ergaa akka jiru ifoomsee jira.