Dorgoomii Maaraatoonii magaalaa Niw Yoorkitti Dilbata kaleessaa taaifame gama dhiiraan Atileetiin Itiyoophiyaa Taamiraat Tolaa riikardii bakkichaa fooyyeessun injjiffatee jira. Dorgommii dubartootaa ammoo Atileetiin Keeniyaa Helen Obiriin mo’ateettee jirti. Atileetiin Itiyoophiyaa Lettesenbet Gidey Lammafaa baate. Taamiraat Tolaa gaaffii fi deebii Sagalee Ameerikaa waliin taasiseen fiigichi kun rakkoo qilleensaa fi didhaalee ka biroo qabaateyyu, injifachuu fi rikoordii bakkicha fooyyeesuu isaatti akka gamade dubbatee jira.
Kan Dorgommii Maraatoonii Niw Yoork Dilbata Geggeessame Injifate Taammiraat Tolaa Gamachuusaa Sagalee Ameerikaaf Ibse
Your browser doesn’t support HTML5