Godinaa Siilxee Magaalaa Qibaat Keessatti Walittibu’insa Uumamee Ture Hordofee Namoonni 1200 Buqqa’an Gara Qe’ee Isaaniitti Deebifaman

  • VOA

Godina Guraagee

Ji’oota dura sababa walitti bu’insaan hordoftoonni Amantaa Kiristaana Ortoodoksii magaalaa Qibaat gadhiisuun kan baqatanii turan dilbata dabarsine kana gara qe’ee isaaniitti deebifamaniiru. Namoonni qe’ee isaaniirraa buqqa’uun baqatanii turan Godina guraagee magaalaa Buttaa jiraa mana Amantaa Ortodoksii bataskaana Maaramii keessa turuu isaanii himanii amma gara qe’ee isaaniitti deebi’uu sagalee Ameerikaatti himaniiru. Walitti bu’insi namoota Kuma tokkoo ol qe’ee isaaniirraa buqqise kun ka’umsi isaa dargaggoonni hordoftoota Amantaa Muusiliimaa hojiin xibaaraa magaalicha keessatti taasifamu dubartoota keenya kuffisaa jira kunimmoo sagalee kadhannaa guddaadhaan ba’a jechuun magaalitti keessatti duula taasisuu jalqabaniin kan uumame yommuu ta’u walitti bu’insa uumameen manneen jireenyaa 60 ol gubatanii ture.
Namoota gara amma qe’ee isaaniitti deebi’aniiran keessaa kan Sagaleen Ameerikaa dubbiseeru nageenya isaaniif jecha maqaa isaanii himuu kan sodaatan ammayyuu sodaa nageenyaa qabaachuu dubbataniiru.
Mana Amantaa Ortodoksii Itiyoophiyaatti hojii gaggeessaan Sabakaa Godinaalee Silxee fi Hadiyaa Qeesis Mel’aake Hiyiwoot Nigusee Baaweqee araarri erga ta’een booda namoonni qe’ee isaaniirraa buqqa’anii turan deebi’uu fi taaboonnis gara Bataskanootaatti galfamuu Sagalee Ameerikaatti himaniiru. Naannoo gidduu galeessa Itiyoophiyaatti Pireezidaantiin dhimma Islaamummaa Sheeyik Mahaammad Keliil gama isaaniin manneen jireenyaa gubatan ijaaramuunii fi qabenyaaleen badan bakkatti deebifamuun namoonni qe’ee isaaniitti deebifamuu himaniiru. Sodaa nageenyaa ammas namoonni qabaniifis furmaata waaraaf abbootiin amantaa fi jaarsooliin biyyaa akkasumas mootummaan ga’ee isaa olaanaa akka ba’achuu qaban dhaamaniiru.
Pireezidantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Gidduu galeessa Itiyoophiyaa Obbo Indaashaaw Xaaseew Godina Siilxee magaalaa Qibaat bakka balaan kun qaqqabeerutti daawwanaa tasisanii karaa nagaan jaarsooliin biyyaa tattaaffii taasisaniif dinqisiifatanii gochi akkasii kana booda akka hin raawwanne jedhaniiru jechuun Hawwaasaarraa Yoonaattan Zabdiyoositu gabaase.