Naannoo Amaaraa, Godinaa Bulchiinsa Saba Oromoo fi Godinaa Shawaa Kaabaatti Haleellaa Geggeessameen Qonnaan-bultoonni Ajjeesamuun Himame

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoo Amaaraa, Godinaa Bulchiinsa Saba Oromoo fi Godinaa Shawaa Kaabaatti Haleellaa Geggeessameen Qonnaan-bultoonni Ajjeesamuun Himame

Naannoo Amaaraa godina bulchiinsa saba Oromoo aanaa Arxumaa fursii fi godina Shawaa Kaabaa Antsokiyaa Gemzanaa gidduutti gandoota wal dangessa irratti Onkoloolessa 25 bara 2016tti haleela rawwatameen lubbuun namoota darbeera, qabeenyi barbada'eera jedhan jiraatoonni. Jiraatoonni godisaa aadaa saba Oromoo aanaa Arxumaa fursii hidhaatoonni faanoo qonnaan bultoota saba Oromoo ta'aniirratti haleellaa raaw’ataniin lubbuu namoota hedduu darbe jechuun sagaalee Ameerikaaf himan. Jiraatoonni godina Shawaa kaabaa aana Antsokiyaa Gemzanaa ammoo gama isaaniitiin hidhaatoota ABO shaneetu qonnaa bultoota saba Amaaraa irratti haleellaa bane jechuun himan. Dhimmaa kana irratti hoggansaa naannoo Amaaraa godina Shawaa kaabaa fi bulchiinsa godina addaa saba Oromoo irraa deebii argachuuf carraqqiin tasiisne har'aaf hin milkoofne. Koomishiini mirgoota namoomma Itoophiyaas dubbisnee dhimma kana irratti odeeffannoo qorannoon deeggaramee akka hin qabne hime. Tsahaay Daamxoo dabalata qabdi.