Uffatoonni Dizaayidii Aadaatiin Chaayinaa Keessatti Hojjetaman Kanneen Biyya Keessatti Hojjetaman Irratti Dhiibbaa Uummaa Jiru, Jedhame  

Your browser doesn’t support HTML5

Uffatoonni Dizaayidii Aadaatiin Chaayinaa Keessatti Hojjetaman Kanneen Biyya Keessatti Hojjetaman Irratti Dhiibbaa Uummaa Jiru, Jedhame

Uffatoonni Dizaayidii Aadaatiin Chaayinaa Keessatti Warshaan Hojjetamanii Galfaman Kanneen Biyya Keessatti Harkaan Hojjetaman Irratti Dhiibbaa Uummaa Jiru, Jedhame

Daldaltoonni uffata aadaa hojjechuu irratti bobba'anii jiran uffanni aadaa warshaatti oomishamee Chaayinaadhaa dhufu isa harkaan Oomishamurratti dhiibbaa uumaa jira, jedhu. Daldaltoonni sagaleen Finfinnee bakka mujjaa jedhamuun beekkamutti hojii huccuu aadaa daldaluurratti bobba’anii jiran, Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin uffatoonni shuffoonii jedhamuun waamman kan biyya chaayinaatti dezaayinii uffata aadaatiin warshaa keessatti oomishamanii biyya galfaman bal’inaan gabaa dhuunfatanii jiran. Gatiiin isaanii, kan uffatoota aadaa harkaan hojjetaman irraa gad aanaa, jedhan. Tahus, qulqullina akka hin qabne dubbatu. Tsahaay Daamxoo bakka gabaa sanatti argamuun daldaltoota dubbisee qophii qindeessite qabdi.