Naannoo Oromiyaatti qonnaan bultoonni godina Arsii lixaa aanaa Adaabbaa hojii qonnaa kuduraa fi muduraatti bobba’anii jiran oomisha keenya yeroo eegnee walitti-qabachuu akka hin dandeenye taasisamne jechuun himatan. Sababa qamadii jal'isiin facaasuu waliin walqabateen oomisha ganna oomishame yeroo malee lafa irraa akka kaasnu, qaamni mootummaa nu dirqsise – jedhu.
Waajjirri qonna godina Arsii lixaa sagalee Ameerikaaf ibsa kenneen, “qaamni qonnaan bultoota oomisha isaanii walitti-qabachuu dhorke hin jiru” jedhe. Dr. Abdullaahii Beekaa hoogganaan waajjira qonna godina Arsii lixaa godinichatti omishaaleen haala qilleensaa waliin wal siman kamiyyuu dabaree dabareen oomishamaa jiru, jechuun himan.
Qonnnaan Bultoonni Arsii Lixaa Oomisha Muduraa fi Kuduraatti Bobba’an Oomisha Keenya Yeroosaatti Akka Walitti Hin Qabanne Taasiamne Jedhan
Your browser doesn’t support HTML5