Hoggantoonni biyyoottan Afrikaa hedduun walgahii biyyoottan Afrikaa fi Sa’ud Arabiiyaa isa yeroo jalqabatiif taasifamuu irratti hirmaachuudhaaf Riyaadiin seenanii jiru.
Walgahii jimaataa har’aa jalqabamee fi “ONE PLKUS Africa” jedhame kana irratti hirmaachuudhaaf muummichi ministeeraa Ityoophiyaa Abiy Ahimedi fi prezidaantiin Eertiraa Isaayyas Afewerqii Sa’udii galanii jiru.
Hoggantoonni biyyoottan Afrikaa ji’a muddee darbe bara 2022 keessa Yunaayitid Isteets wajjin, ji’a Sadaasaa bara 2023 Chaayinaa wajjin,ji’a Adoolessaa bara 2023 immoo Raashaa wajjin walgahii walfakkaata taasisuu isaanii Kenedi Abaatee gabaasee jira.
Haalumaa walqabateen , mootummaan Sa’udi gargaarsaa diinagdee Afrikaatiif kan oolu waliigaltee Doolaraa miiliyooni 500 fi miiliyoonii 33 biyyoottan Afrikaa wajjin mallateesuu isaa ministeeraa maallaqaa mootummaa sa’udi Mohaamed Al jaadaan waabeffachuudhaan maddi oduu Rooyiiters gabaasee jira.
Ministeerri Haniisaa ykn Inerjii kan moottummaa sa’udi Mootiin Abdulaziiz Biin Saalmaan Naayijeeriyaa, Seenegaal, Chaad fi Ityoophiya dabalatee biyoottan Afrikaa wajjin waligalteen hariiroo dhimmaa haniisaatiin walqabatee mallateesamuu isaa akka ibsan Rooyiters gabaasee jira.
Ministeerri maallaqaa biyyaa Moozaambiik waligaltee fandii misoomaa doolaara miiliyooni 100 fi miiliyooni 58 kan ijaarsaa Hospitaalaa fi hidha bishaaniitiif oolu mootummaa Sa’udi wajjin mallateesuu isaanii akka beeksisan gabaasamee jira.