Iggitamtoota Gaazaa Keessaa Gadhiisiuun Yoo Jiraate Dhiibbaa Waraanaatiin Ta’uu, Benjaamiin Natanyaahuu Dubbatan

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Iggitamtoota Gaazaa Keessaa Gadhiisiuun Yoo Jiraate Dhiibbaa Waraanaatiin Ta’uu, Benjaamiin Natanyaahuu Dubbatan

Biyyi isaanii hanga Hamasiin injifattutti hojii waraanaa Gaazaa keessaa akka itti fuftu cimsanii ennaa dubbatan, Muummichi ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Dilbata kaleessaa namoota 200 ol hidhattootaa kanaan Onkoloolessa 7 ukkaamsamanii butaman bilisa baasuuf waliigalteen jiraachuu mala kan jedhuni jiru.

Karaa biraatiin, erga hoggantoonni biyyoottan Arabaa hedduun Saa’ud Arabiyaa keessatti walgahanii haleellaa Israa’el Gaazaa irratti raawwachaa jirtu jabeessanii balaaleffatanii guyyaa tokko booda, gorsaan dhimmaa nageenyaa Waayit Haawus Jaak Suliivan lola Israa’eliif Hamaas irratti Ijjannoo Yunaayitid Isteets ilaalchisee dubbataniiru jedha gabaasi Veroonikaa Balderaas Igeesisaastu qopheesite.