Loolaan Bishaanii Bulchiinsa Nannoo Somaalee Keessatti Lubbuu Namootaa Digdamii Saddeetii Galaafate

  • VOA

FAAYILII: Lolaa Somaaliyaa keessaa

Bulchiinsa naannoo Somaalee keessatti lakkoofsi namoota balaa lolaa bishaniin mudateen du’anii 28 gahuu mootummaan naannoo sanaa beeksise. Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Bulchiinsa Sodaa Balaa naannoo obbo Abduhfatah Mohaammad har’a VOAf akka himanitti, lakkoofsi namoota torbeennenn hedduuf Rooba cimaa irraa lolaa mudatee ture hordofuun qe’ee isaanii irraa buqqa’anis dachaa lama dabalee 46,000 gaheera.

Kutaaleen naannoo Sanaa haraka caalaa miidhamaniiru. Dhaabnii gargaarsa namoomaa kan Tokkummaaa Mootummootaa (OCHA) du'a dhaqqabe kana kan mirkaneesse yoo ta'u, beeylada kuma 2200 ol lolaa bishaaniin fudhatamuu ibseera.

Midhaan lafa qonnaa hektaara 6,400 ykn ekeraa kuma 16 irratti argamu manca’ee jira. Dhaabbileen fayyaa fi barnootaas bishaaniin guutamanii barbadaa’uu isaanii gabaasni Tokkummaa Mootummoota ni mul’isa jedhuun, Addis Chakkol Gabaasee jira..