Israa’el Duula naannoo Hospitaala Gaazaatti Geggeessitu Itti fuftee jirti.

  • VOA

FAAYILII: Hospitaala Al Shifaa naannoo humnoonni Israa'el duula itti geggeessan kan magaalaa Gaazaa

Raayyaan ittisa biyyaa Israa’el duulli inni geggeessaa jiru sirrii fi Hamaas irratti kan qiyyaafate jechuun ibsee jira. Hamaas hospitaalicha akka waaltaa ajajaatti, dhukkubsattootaa fi hojjettoota immoo akka dahataatti itti fayyadamaa ture jechuun Israa’el yoo himattu, Hamaasii fi angawoonni eegumsa fayyaa Gaazaa keessaa garuu himannaa yakkaa sana haalanii jiran.

Israa’el hidhattoonni Hamas gandeen mana jireenyaa keessa socho’uu isaanii fi rookkeettiiwwanii fi meeshaalee waraanaa gurguddaa naannoo manneen barnootaa fi masjiidotaa utuu kaa’anii suraa mul’isu agarsiistus, hospitaala Gaazaa guddicha keessa jiraachuu kan ibsu ragaa suraas ta’e viidiyoo hin dhiyeessine.

Hooggnaan jaarmayaa fayyaa addunyaa Teewdiroos Adihaanoo, weerarri waraanaa hospitaala Shifaa irratti geggeessamu qaruma fudhatama hin qabu jedhan. Teewdroos Roobii kaleessaa Genevaa keessatti Tuuta oduuf ibsa kennaniin, hospitaalonni dirree lolaa miti, kanaaf keellaan sun tajaajila loltummaaf illee utuu fayyadame ta’ee dhukkubsattootaa fi hojjettootaaf eegumsi taasisamuu qaba jedhan.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden Hamaas Hospitaala Shifaa waaltaa ajajaa godhachuu isaa yakkanii, kun “yakka waraanaa” ti ittiin jedhan.

Haala yakki waraanaa jalqaba hamaasiin raawwatame kan waajjira iaa haadhoo fi waraana isaa hospitaalicha jala dhoksuutu jira jechuu dhaan Baayiden roobii kaleessaa tuuta oduuf Woodside, Kaalifoorniyaa keessatti prezidaantii Chaayinaa Xi Jinpiing waliin erga wal arganii booda ibsanii jiran. Sun dhugaa jiru. Sun waan raawwatamee dha jedhan.

Gama biraatiin ammoo, Golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa Roobii galgala wixinee murtii Gaazaa keessatti yeroon itti hojiin namoomaa hojjetamu akka dhiiratu hatattamaan akka tolfamu jedhu raggaasisee jira. Miseensonni gola naga eegumsaa 12 sagalee eggersaa kan kennan yoo ta’u, Yunaayitid Isteetis, Raashaa fi Yunaayiti Kiingidam sagalee hin kennine.

Itti aanaan bakka bu’aa dhaabbataa Israa’el murtoon kun “dhugaa lafarra jiru irraa adda kan ba’e” jedhan. Wixineen murtii darbe sun kanneen Hamaasiin iggitaman martinuu hatattamaan akka gad dhiisaman gaafatee jira.

Hamaas dubartoota Faalisxiinii fi ijoollee mana hidhaa Israa’el keessa jiran yoo gad dhiisaman yoo xiqqaate dubartoota fi ijoollee 50 gad dhiisuuf mariin geggeessamaa akka jiru gabaasamaa jira.