Naannoo kibbaa Ityoophiyaa godinaa Omoo kibbaa keessatti gandaaleen hedduun lolaa bishaaniitiin huwisamuu isaanii haanga’onni aanichaa beeksisanii jiru.
Keessumaa godinaa Omoo kibbaa anaa Daasenech jalaatti kan argaman gandaawan 40 keessaa 34 lagnii Omoo guutee dhangala’uu isaatiin kan ka’ee lolaa umameen bishaaniin liqimsamanii jiraachuu isaanii bulchaan anichaa obbo Fiqiremaariyaam Haymalaa sagalee Amerikaatti himanii jiru.
Sababba balaa kanaatiin jiraattonii kuma Sadeet ta’an kan miidhaman yemuu ta’u omishinii hektaara kuma tokko fi 435 mancaa’ee, laftii beelladooni marga irraa dheedan hektaarri kuma 100 fi kuma 23 bishaaniin huwisamuun isaa beekameera.
Sababa balaa lolaa Kanaan buufataaleen fayyaa saddeet , manoottan baruumsaa jaha, buufataleen leenjii qonnaan bultootaa fi bakkii beelladoonni waldhaansa itti argatan midhamuun isaanii ibsameera.
Dhaabbataa mootumootaa gamtoomaanitti waajjirri qindeesaa dhimmaa gargaarsa namoomaa OCHAn anaan Daasenchii dhibeentaa 65 bishaaniin qabamuu isaa ibsee, gargaarsii namoomaa gahaan dhihaachaafii akka hin jirre beeksiseeraa. Balaa lolaa bishaanii Kanaan amma ammaatti namoonni 33 du’anii namoottan kuma 700 fi kuma 60 ol ta’an miidhamuu isaanii Yoonaatan Zebdiyoos Hawaasaa irraa gabaase jira.