Itiyoophiyaa Keessatti Hanqinni Paaspoortii Uummata Mudate Yeroo Dhihootti Akka Furamu Mootummaan Beeksise 

  • VOA

Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa Itiyoophiyaa. Suraan Feesbook irraa argame

Namoottan Paaspoortii Ityoophiyaa Argachuuf darabee eeggachaa jiran amma Ji’aa muddeetti akka keessumeesaman dhaabanii tajaajila godaantotaa fi lammumaa ibsee jira.

Ityoophiyaa keessaatii paaspoortii argachuun rakkisaa ta’uu isaa lammilen biyyatti yemmuu ibsaa jiran kanaatti, ji’oottan sadan darban keessatti paaspoortini walakaa miliyooniiti ol ta’u maxxasamee biyyaa alaatii galuu isaa daarekteerri dhaabatichaa Selaamaawiit Daawiti ibsanii jiru.

Namoottan paaspoortii argachuudhaaf galmaawanii eeggachaa jiran amma ji’a Muddee dhufuutti akka Paaspoortii isaanii argatan kan himan darekteerri dhaabatichaa, hojjattonii dhaabatichaa malaan maltumaadhan shakkamanifi dallaalonni 53 too’annoo jala ooluu isaanii ibsaniiru.

Dhimmaa malaan maltumaatiin allatis, rakkinni Paaspoortii maxansuu waan tureef ji’ottan Sadan darban keessatti paaspoortii hedduun maxansamee namoottan Paaspoortiin attatamaan isaan barbaachisu kuma 100 fi kuma 10 ta’nuf keennamuu isaa daarekteerii dhaabatiichaa beeksisaniiru.

Kaabaa Ityoophiyaa naannoo Tigraayi fi Amhaaraa keessatti sababa walwaraansaatiin kan ka’ee dhaabbatee kan ture tajaajilli paaspoortii dhihootti akka jalqabuu dhaabatiichii ibsuu isaa Finfinnee irraa kan gabaasee yoonaatan Zebdiyoosi.