Naannoo Tigiraay magaalaa Maqalee keessatti abbootiin qabeenyaa fi konkolaachistoonni Taaksii magaala keessaa mormii hojii dhaabuu wiixata darbe jalqaban Jimaata har’aas itti fufanii jiru. Hojii dhaabuun konkolaatoota Taaksii magaalaa keessaa jiraattootarra dhiibbaa guddaa ga’eera jechuun sagalee Ameerikaatti himaniiru jiraataan Magaalaa Maqalee naannoo Addihaa ta’uu himan Xaa’ime Kahaasay. Akka Xaa’imeen Ibsetti hojii dhaabuun konkolaattoota taaksii hojii guyyuu uummataa irratti dhiibbaa guddaa uumeera. Hojii deemuuf miilla keenyaan daandii dheeraa imalla jedheera.
Konkolaachistoonni Taaksii Magaalaa Maqalee keessaa gatiin boba’aa ittiin bitnuu fi Taarifni kaffaltii mootummaan murteesseeru wal hin simu jechuunidha. Konkolaachistoota Taaksii mormii hojii dhaaban warra dursaa jiran keessaa tokko kan ta’e Kidaanee Gebiremaariyaam mormii kanatti dirqamnee galle kanas biiroon geejibaa sirreessuun isarra jiras jedheera.
Biiroo Geejibaa Naannoo Tigiraayitti Itti aantuu kan ta’an aadde Raaheel Haayilee Konkolaachistoonni Taaksii rakkoo qaban karaa seera qabeessaan osoo hin beeksiisin hojii dhaabuun dogoggora ta’uu himanii tarkaanfii barbaachisaa ta’es ni fudhana jedhaniiru jechuun Maqaleerraa Alem Fissahaatu gaabase.