Chaansilariin Jarmanii Hogganoota Biyyoota Afrikaa 4 Wajjiin Mari’atan

  • VOA

Germany G20 Africa

Chaansilarri Jarman Olaaf Shuultz konfiraansii G-20 "Compact with Africa" jedhu kan har’a jalqabamuu dursuun, Dilbata kaleessaa hoggantoota biyyoota Afrikaa afur waliin mari’ataniiru.

Shuultz muummicha ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad, preezdaantii Ivory Coast Alassane Ouattara, muummicha ministeera Morookoo Aziz Akhannouch fi preezdaantii Zaambiyaa Hakainde Hichilema waliin wal argan.

Pirojektiin "Compact with Africa" jedhu kun yaadii isaa bara 2017 pirezidaantummaa G-20 Jarmaniin qabattee yeroo turteetti kan maddedha.

Kaayyoon ibsame kun biyyoota Afrikaa keessatti invastimantii dhuunfaa itti fufiinsa qabuu fi invastimantii bu’uuraalee misoomaa irratti haala mijeessuudha.

Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon, Muummee ministeeraa Nezerlaand Maark Ruuteetii, Pireezidaantiin Komishinii Awurooppaa Ursulaa Voon deer Leyen, Pireezidaantiin Mana Maree Awurooppaa Chaarlis Misheel fi hogganoonni fi mootummaa biyyoota Afrikaa 13 fi kanneen biroo ni argamu jedhamee eegama.

Inishiyeetiiviin Magariisaa Gamtaa Awurooppaa, Afrikaaf bara 2030tti Yuuroo biiliyoona afur kenna. Kunis, gorsa, invastimantii fi hirmaannaa dhuunfaa daran fayyadamuuf, Afrikaa keessatti akka dhiyaatu Chaansilarri Jarmanii Olaf Scholz Wiixata har;a labsan

"kana caalaatti ifa gochuuf jedhan, kun akkaataa isa durii sanaatti gargaarsa misoomaa kan arjoomtonni kennanii fi kaan immo fudhatan miti. Kun waa'ee invastimantii gama lachuutiif bu'aa argamsiisudha," jechuun Scholz walgahii dinagdee kompaaktii G-20 irratti dubbataniiru.