Naannoo Oromiyaa godinaalee garaa garaa keessatti sababaa wal-waraansa mootummaa fi WBO gidduutti waggoottaniif itti fufee jiruun namoonni bakka dhaloota isaanii dhaquudhabuun rakkoo hawaasummaaf saaxilamuu isaanii sagalee Ameerikaaf ibsaniiru. Namoonni dirree hojjii adda addaatti hirmaatan sababa rakkoo nageenyaatin ogummaa isaaniin socho'aanii hojjechuuf akka hiree dhabanillee ibsan.
Namoonni sagalee Ameerikaaf yaada isaanii kennan kun akka jedhanitti mariin tibbana mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduutti Daaresalaamitti gaggeeffamaa jiru akka araaraan xummuramuuf abdiin eeggataa jiran.