Dawaalee Giddu-Gala Biyyaarraa Gara Naannoo Amaaraatti Ergaman Naannicha Keessa Raabsuun Akka Hin Danda'amiin Ibsame

  • VOA

Naannoo Amaaraa

Dawaan ykn qorchii walakeessa biyyaa irraa garaa naannoo Amaaratti ergamu magaalootaa fi gandaawwan aanawwanii qaqqabuu akka hin dandeenye dhaabbanni tajaajila dhiheesii qorichaa kan Ityoophiyaa ibsee jira.

Dhaabbata tajaajilaa dhiheessii qorichaa kan Ityoophiyaati itti anaa itti gaafatamaa kuusaafi raabsii qorchaa kan ta’an obbo Taarikuu Balaachewu akka sagalee Amrekaatti, himaniitti qorchaawan walakeessa biyyatti xiyyaaran fe’amanii gara magaalootaa naannoo Amaaraa Baahir daar, Dassee fi Gonderrti erganmanus sababa nageenyaatiin kan ka’ee garaa godinaaleetii fi aanaaleetti raabsamuu hin dandeenye.

Fe’isaa qorchaa yeroo tokkootiif birria Ityoophiyaa Miiliyoonii tokkoo fi walakkaa akka baasan kan ibsan obbo Taarikuun baasiib kun dhaabataa fayyaa adduunyaa, USAID fi dhaabilee gargaasaa irraa maallaqa argameen akka ta’e himanii, halii nageenya naanichaa akka Kanaan itti fufnaan rakkoon jabaan umamuu akka danda’a jedhaniiru.

Godinaalee rakkinii nageenyaa keessatti mulachaa jiru godina dhiha Goojjam aanaa Dambacaa keesse kan jiran abbaan qabeenyaa mana qorchaa fi ogeessonni fayyaa naanichaa akka sagalee Amrekaatti himanitti, rakkinii qorichaa ummataa naannoo isaanii muudachaa jira.

Aanaa Dambacaatti itti gaafatamaa biiroo fayyaa kan ta’an obbo Desaaleny Zelaalem aanichaa keessatti rakkinni qorichaa jiraachuu isaa ibsanii yemmuu qorchii garaa aanaatti fe’amuu bakka adda addaatti hidhatoonii fi umnoottan mootummaa akka sakata’an himanii jiru.

Itti gaafatamaan biiroo Nageenyaa naannoo Amaaraa obbo Desaaleny Xaaseewuu ibsaa televujiinii naannoo Amaaraa irratti kennaniin naanicha keessatti nageenyii guutumaatti jiraachuu baatus guyyaa guyyaadhaan fooyya’insii mulachaa jiraachuu isaa akka ibsan Asteer Misgaanaawu gabaasteetti.