Hundeeffama Boorana Bahaa hordofee kan hidhamanii turan angawootni Gooro Doolaa 14 Sanbata dabre gadhiifamanii jiru. Obbo Addisuu Ibrahim; angawaan waajjira fayyaa Gooroo Doolaa duraanii ji’oota afurii oliif Magaalaa Nageellee Waajjira Poolisiitti eega hidhamanii turan booda angawootaa fi namoota kaan akkkuma isaanii hidhaa turan waliin gad-lakkisamuu isaanii Sagalee Ameerikaatti himan. Ammallee haalli aanichaa sodaachisaa tahuu kan dubbatan, jiraattonni aanaa Gooroo Doolaa, tajaajilawwan hawaasaa hedduun akka hin jirre eeran. Mootummaan naannoo Oromiyaa dhimma kanarratti deebii kenne qaba.
Hundeeffama Boorana Bahaatii Booda Kanneen Hidhaman Aangawoonni Goroo Doolaa 14 Hiikaman
Your browser doesn’t support HTML5