Horroo Guduruu, Aanaa Sulula Finca’aa Keessatti Namoonni Nagaan 4 Humnoota Mootummaatiin Ajjeesaman, Jedhu Maatii fi Namoonni Naannoo

Your browser doesn’t support HTML5

Horroo Guduruu, Aanaa Sulula Finca’aa Keessatti Namoonni Nagaan 4 Humnoota Mootummaatiin Ajjeesaman, Jedhu Maatii fi Namoonni Naannoo

Naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanaa Sulula Finca'aa keessatti Wiixata darbe namootni nagaa 4 humnoota mootummaatiin ajjeesamaniiru jechuun maatii miidhamtootaafi kanneen ijaan argineerra jedhan Sagalee Ameerikaatti himaniiru. Bulchaan Aanichaa Obbo Sanyii biqilaa “namoota nagaa kan ajjeese shaneedha” jechuun sagalee ameerikaatti himan. Himannaa kana kan haalan Dubbi Himaan Idil Addunyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Odaa Tarbii “Mootummaa tu namoota nagaa ajjeesuun gocha badii raawwachaa jira” jedhan.