Godina Waaghimraa Aanaa Sayyeemtiitti bara Oomishaa 2015/ 2016 tti goginsa mudatee jiruun oomishni dhabamuun namoonni beelaaf saaxilamuu angawoonni mirkaneessaniiru. Bulchaan aanichaa Maalledee Biree Sagalee Ameerikaatti akka himanitti bakka Bilazaa jedhamutti kamisa darbe kana namoonni lama sababaa beelaan du’uu mirkaneessaniiru.
Fannoo Diimaan Itiyoophiyaa immoo gama isaan konkolaatoonni midhaan nyaataa kuntaala 400 fe’an gargaarsa namoota sababa gogiinsaan Godina Waaghimraa keessatti miidhamaniif akka ooluuf gara Godina Gondor Kaabaatti ergamuu ibseera. Naannoo Amhaaraatti hoogganaan dhaabbata Fannoo Diimaa Yeshii Anbeel Walee sagalee Ameerikaatti akka himanitti konkolaatoonni midhaan deeggarsaa fe’an gara Godina Waghimraatti imaluu hin dandeenye sababaa wal waraansa humnoota Faannoo fi mootummaa gidduu jiruun jedhanii, ammayyuu konkolaatoonni midhaan gargaarsaa fe’aniiran magaalaa Bahaardaar osoo hin seeniin magaalaa Mooxaatti rakkatanii jiru jedhan Jechuun Bahiirdaar Irraa Asteer Misgaanawuutu gabaase.