Itiyoophiyaatti Embaasiin Yunaayitid Isteetis Maqaa ‘Finfinnee’ Jedhutti Fayyadamuun Isaa Mormii fi Deggersaa Kakaase

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Itiyoophiyaatti Embaasiin Yunaayitid Isteetis Maqaa ‘Finfinnee’ Jedhutti Fayyadamuun Isaa Mormii fi Deggersaa Kakaase

Embaasiin Ameerikaa yeroo Tiwiitara irratti beeksisa baasuu Addis Ababa jechuu manna jecha "Finfinnee" jedhu fayyadamuun isaa duula mormii Tiwiitara irratti kaasisee jira.

Kaawunsilii misoomaa kan lammiwwan Amerikaa hidda dhalata Itiyoophiyaa ykn The Ethio-American Development Council (akkasumas jaarmayaan sivikii lammiwwan Amerikaa hidda dhalata Itiyoophiyaa ykn Organizations of American Ethiopians, xalayaa banaa erguun akkasumas tiwiitaraan mormii isaanii dhageesisan.

Dabalataanis, xalayaa Ministira Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Blinkeniif erganiiru. Xalayaa ergameef deebii kennuudhaan dhaabbanni Waldaa Hambaa, Hooggansaa fi Deggersa Oromoo yokaan OLLAA jedhamus, Ministara dhimmi alaa Antonii Blinkeeniif xalayaa barreessee jira.

Sagaleen Ameerikaa karaa imeelii Embaasiin Amerikaa Finfinnee jiru, kana irratti yaada akka kennuuf gaafatuus, "yeroo kanatti yaada kenninuu hin qabnu" jedhee jira.